Teekinooloojii Ismaartii Bishaanii Hawaasa Baadiyaaf Bal’inaan Ni Tajaajila – Inistitiyuuticha


Teekinooloojii Ismaartii Bishaanii Hawaasa Baadiyaaf Bal’inaan Ni Tajaajila – Inistitiyuuticha

Teekinooloojii Ismaartii Bishaanii Hawaasa Baadiyaaf Bal’inaan Ni Tajaajila – Inistitiyuuticha

Hagayyaa 15, 2017 (TOI) – Inistitiyuutiin Teekinooloojii Bishaanii Itiyoophiyaa beeksisee jira: teekinooloojiiwwan ismaartii bishaanii salphaatti fayyadamoo ta’an qopheeffamuu fi hawaasa baadiyaaf bal’inaan dhiyaataniiru.


Ayichiluhim Zannabaa, Hojii Gaggeessaa Dursaa Deeggarsa Teeknikaa Inistitiyuutichaa, TOI’f ibsa kennaniin, “Teekinooloojiiwwan dhiyeessii bishaanii haarawa fi salphaa kana hojiitti hiikuuf qophiin xumuramee jira. Bara kana keessatti hawaasa baadiyaaf bal’inaan raabsamuu danda’u” jedhan.


Akka ibsaniitti, saayitiiwwan bishaan 21 adda baasanii jiru. Bakkeewwan kunneen magaalaa irraa fagaatanii bishaan dhabuun rakkachaa turan ta’uun eerameera. Teekinooloojiiwwan haaraan kunis lafarraa meetira 5 hanga 10 qotuun bishaan qulqulluu salphaatti argamuu akka danda’u taasisa.


Hojii gaggeessaa dursaan kun itti dabaluun, bu’aa qabeessummaa fi qulqullina teekinooloojiiwwan kanaa yeroo yaalii irratti mirkanaa’uu fi yeroo ammaa hojiitti hiikamuuf qophii guutuun jiran ibsaniiru.


Bishaan argamuu kun immoo dhugaatii, nyaata bilcheessuuf, dhiqannaa, bineensotaaf akkasumas biqiltuuwwan qonnaa irratti fayyadamuu irratti gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.


Leenjii fi Deeggarsa Ogummaa

Gama biraan, Inistitiyuutichi bara kana leenjistoota kuma 2 fi 500 ol ta’an dhaabbilee teeknikaa fi ogummaa 30 ol keessatti baratanitti deeggarsa teeknikaa gochuu isaa beeksiseera.


Dabalataanis, leenjiiwwan Elektiroonikii, Mekaanikaa, Driilingii, Watar Sappilaayiin fi teekinooloojii irreegashinii irratti madaallii fi deeggersa ogummaa kennaa jiraachuusaas ibsameera.


Akka ibsa Inistitiyuutichaa, bara 2008 irraa eegalee ogeeyyonni bishaanii kuma 2 fi 500 ol madaallii mirkaneessa ga’umsa ogummaa argachuun hojiiwwan garaagaraa keessatti tajaajilaa jiru.

 Kanaaf, gabaabumatti, teekinooloojii ismaartii bishaanii kun baadiyyaa Itiyoophiyaatti dhiyeessii bishaanii fooyyessuu fi jireenya hawaasa haalaan jijjiiruuf murteessaa ta’uu Inistitiyuutichi mirkaneesseera.

Post a Comment

Previous Post Next Post