Naannoo Harariitti Karooraan Hojii Bu’a Qabeessa Tajaajilu Akka Raawwatamu Ni Tajasifama – Bulchaa Ordiin Badrii
Fulbaana 20/2018 (Milkii Tech) – Bulchaan Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii akka jedhanitti, hojiiwwan karoora bu’uureffatanii qophaa’an sadarkaa olaanaan akka hojiirra oolan fi bu’a qabeessummaan akka galmaa’u xiyyeeffannoon addaa taasifamaa jira.
Marii Naannoo Harariitti gaggeeffame kanarratti, Bulchaa naannichaa fi Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa waliin hirmaachuun, hojiiwwan dinagdee, sagantaa istaatistiiksii Itiyoophiyaa, misooma dijitaalaa, akkasumas hooggansa fi bulchiinsa pirojektoota mootummaa irratti mariin bal’aan taasifameera.
Obbo Ordiin Badrii akka ibsanitti, hojiiwwan bu’a ummataa ifatti mul’isan irratti xiyyeeffachuun, karoora qulqullina qabu qopheessuun fi sirnaan raawwachuun bu’a qabeessummaa naannichaa caalaatti mirkaneessuu danda’a. Akkasumas, karooraan waliigalaa fayyadamuun hojii fooyya’aa, waloo fi bu’a qabeessa ta’e bara baddhaadhinaa itti fufsiisuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Gama biraatiin, Dr. Fitsum Asaffaa Ministirri Pilaanii fi Misoomaa, yeroo ammaa dandeettiin pirojektoota bulchuu fi raawwachuu biyyattii cimee akka deemu ibsaniiru. Fuuldurattis hojiiwwan dinagdee sadarkaa naannoo, sagantaa istaatistiiksii fi misooma dijitaalaa cimsuun gara naannoleetti gadi buusuu fi dinagdee dorgomaa ijaaruu irratti xiyyeeffachuun ni hojjetama jedhaniiru.
Kana milkeessuuf ammoo Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa waliin qindoominaan akka hojjetu hubachiisaniiru.
Yeroo ammaa, mariiwwan garaagaraa kan karoora kana deeggaran itti fufaa jira.

Post a Comment