Dijitaala Itiyoophiyaa: Gabaa Walitti Hidhuu fi Tajaajila Mootummaa Milkaa’aa Uumuu


Dijitaala Itiyoophiyaa: Gabaa Walitti Hidhuu fi Tajaajila Mootummaa Milkaa’aa Uumuu

Dijitaala Itiyoophiyaa: Gabaa Walitti Hidhuu fi Tajaajila Mootummaa Milkaa’aa Uumuu


Hagayya 19, 2017 (TOI) Manni Maree Waldaalee Daldalaa fi Damee Itiyoophiyaa beeksiseera: Sirna Dijitaala Itiyoophiyaa hojiirra oolchuudhaan, gabaa walitti hidhuu, baasii hin malle hir’isuufi, hawaasa daldalaa tajaajila mootummaa mijataa akka argatu gochaa jira.


Pirezidaantiin manni marichaa, Obbo Sabsib Abbaafiraa yeroo TOI waliin turtii taasisan, dhaabbanni isaanii hojii fi ittigaafatama seeraan itti kenname bahachuuf tarsiimoo fooyya’aa fi haaraa hojjechaa akka jiru ibsaniiru.


Obbo Sabsib akka jedhanitti, mootummaa fi dhaabbileen qooda fudhatan carraaqqii dijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojjetan keessatti, hawaasni daldalaa karaa teeknooloojii itti fayyadamuun haala ammayyaa ta’een akka socho’u taasifamaa jira.


Sirna dijitaalaa kanaan gabaan walitti hidhamee, yeroo fi baasii hin malle oolchuun, daldaltoonni tajaajila mootummaa saffisaa fi qulqulluu argachaa akka jiran eerameera. Akkasumas, seerri daldalaa akka kabajamuufi, daldalli nagaan akka gaggeeffamuuf dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa waliin hojjechaa jiran ibsameera.

Waliigalaan yeroo sirni daldalaa ammayyaa teeknooloojii deeggare hojiirra oolu, mindaan hojjettoota mootummaa fooyya’uunsaa rakkoo gabaarra hin uumne jedhaniiru. Haaluma kanaan, walabummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetamu keessatti dhiyeessii fi fedhii oomishaa wal simsiisuun bu’aa gaarii akka fidaa jiru illee ibsameera.


Akka ibsa isaanii keessatti tuqameetti, mindaan hojjettoota mootummaa fooyya’uunsaa sababa ta’uun gatiin gabaa akka dabalu tilmaamni jiraatus, dhimmichi sirna daldalaarratti rakkoo haaraa akka hin uumin mirkaneeffameera.


Dhumarratti, hawaasni daldalaa ummata isaaf tajaajila qulqulluu, amanamoo fi si’ataa kennuuf itti gaafatamummaa olaanaa akka qabu manni maree yaadachiiseera.

Post a Comment

Previous Post Next Post