Simboonaa Afrikaa Healthcare: Kalaqa Ganna Kudhan booda Abdii Biyyaa ta’e
Durii keessatti Itoophiyaa keessatti meeshaaleen fayyaa [medical equipments] biyya keessatti hin kalaqamne. Meeshaaleen akkasiis hundi biyya alaatii bitamanii dhufaa turan — qaaliidha, argachuunis rakkisaadha. Yeroo suphaa barbaachisuuf ammoo meeshaan sun hin jiruu, yeroo hojii dhaaba, daa’immanis lubbuun darbaa turan.
Dargaggeessi tokko garuu haala kana jijjiiruuf murteeffate. Habtaamuu Abbaafoggii jedhamu, ogeessa Bayomeedikaal Injinariingii, waggoota kudhan itti fufeen hojii kalaqa kana irratti harka fudhate. Bara 2015 hiriyootasaa waliin dhaabbata Simboonaa Afrikaa Healthcare jedhamu hundeesse. Jalqabarratti dhaabbanni kun akka kutaa Research and Development tajaajilaa ture, garuu booda gara oomisha meeshaalee fayyaa biyya keessatti hojjatamuutti ce’e.
Har’a Simboonaan dhaabbata abbaa qabeenyaa Itoophiyaa keessaa tokko ta’ee jira. Hojiilee waggoota kudhan keessatti halkan guyyaa hojjataman, har’a fayyadamtoota kumaatamaan lakkaawwaman fayyadamoo taasiseera. Kaayyoon isaanii immoo Itoophiyaa qofaa osoo hin taane, guutuu Afrikaa keessatti meeshaalee fayyaa biyya keessatti oomishaman babal’isuudha.
Yaada Kalaqaa kan Itti Fufee Dhalate
Habtaamuun yeroo barataa turetti Hospitaala Tuqur Ambassaa keessatti internship hojjechaa ture. Achitti, maashina phototherapy daa’imman jaundice qaban ittiin yaalan yeroo baay’ee hojii dhaabuun rakkisaa ture. “Yeroo sana maashinni hojjechuu dhiisee daa’imman rakkachaa turan. Yeroo suphuu yaallu ammoo meeshaalee gahaa hin jirre,” jedha Habtaamuun yaadannoo isaa irraa.
Rakkoo kana irraa ka’uun yaada tokko argate — “maashina fayyaa biyya keessaa kalaquu ni danda’ama!” jedhee ofitti hime. Akka waan beekumsa isaatiin jalqabe, maashinoota lama, Phototherapy fi Infant Radiant Warmer jedhaman, milkiin hojjete. Har’a lamaanuu Food and Drug Authority irraa eeyyama argatanii tajaajilaa jiru.
Maashinoota Daa’imman Baraaran
Infant Radiant Warmer jechuun daa’imman yeroo dhalatan hypothermia (hoo’a qaamaa gadi ta’ee) irraa baraaruuf oola. Hoo’insi qaamaa daa’immanii digirii seentiigireedii 36.5 hanga 37.5 gidduutti yoo gadi ta’e, daa’imman lubbuu dhabuuf saaxilamu. Akka WHO fi UNICEF jedhanitti, sababa kanaan waggaatti daa’imman miliyoonaan lakkaawwaman lubbuu dhabu. Itoophiyaatti immoo guyyaatti daa’imman 240 sababa hypothermia qofaan du’uu danda’u.
Kanaaf maashinni Habtaamuun hojjete kun qormaata lubbuu namaa baraaruu keessatti gahee olaanaa qaba.
“Biyyattiin maashina akkasiitiif doolaara kuma shan ol itti baaftee bitatti, garuu yoo biyya keessaa oomishne gatiin isaa dachaa sadiin gadi bu’a,” jedha Habtaamuun.
Kunis seenaa keessatti yeroo jalqabaati — meeshaa elektiroo-makaanikaal fayyaa guutummaatti biyya keessatti diizaayinii fi oomishaan. Akka Habtaamuun ibsetti, maashinni kun Ethiopian Standard fi EFDA irraa qulqullina guutuu mirkaneeffatee hojjetaa jira.
Fayyadamtoonni Dhugaa Isaa Beeku
Narsiin tokko Hospitaala keessatti maashina Simboonaa fayyadamuun hojii irra jiru ibsiti:
“Maashinni Simboonaa yeroo dheeraa tajaajila kennuu danda’a. Akkasumas intensity ifaa akka barbaachisaa jirutti to’achuu ni dandeenya. Ijoolleen tokko ifa cimaa barbaaddi, kaan ammoo xiqqoo — Simboonaan kana hunda to’ata,” jette.
Isheen itti dabalii, “Maashinni Simboonaa biyya keessaa waan hojjatameef yeroo cimaan yoo mudate, ogeeyyiin isaa bira qubsiifna; sirreeffama salphaa argata. Kana malees, jireenya daa’immanii baraaruu keessatti gumaacha olaanaa qaba,” jette.
Hubannoo Haadholii fi Jaalala Daa’immanii
Narsiin Jamiilaan maqaa isheetiin dubbatti:
“Haadholiin yeroo dahan, manni dukkana yoo ta’e daa’imman halluu keelloo (jaundice) qaban hin beekan. Yeroo ijarratti bifti jijjiirame — adiin keelloo ta’e — namni beekumsa qabu qofa adda baasa. Kanaaf, haadholiin yeroo hundaa daa’ima isaanii ifatti ilaaluun barbaachisa,” jette.
Isheen itti dabalii, “Daa’imni jaundice qabu yoo yaalamee hin deebine guyyaa muraasa keessatti lubbuu dhaba. Kanaaf, yeroo fi hubannoo barbaachisaa ta’e argachuun murteessaa dha,” jette.
Kaayyoo fi Faayidaa Kalaqaa Kanaati
Habtaamuun akka ibsetti, waggoota kudhan kana keessatti hojii isaa keessatti rakkolee hedduu arge. Garuu, bu’aa argame isaaf waan guddaa dha.
“Imala ganna kudhan kana keessa rakkoolee fi danqaalee hedduun nu qunname, garuu ammas abdii hin kutne. Har’a Simboonaan meeshaalee fayyaa biyya keessatti oomishu jalqabee, biyyaaf abdii ta’eera,” jedha.
Meeshaaleen kanaan oomishaman home-grown solution ta’uun, biyyatti fayyadamummaa guddaa fidu.
Gatiin gadi bu’a.
Yeroo suphaa fi jijjiirraa salphisa.
Tekinoolojii biyya keessatti dagaaga.
Dandeettii dargaggootaa guddisa.
Habtaamuun xumura irratti jedha:
“Meeshaalee fayyaa biyya keessa hojjachuun akka biyya keenya of danda’u taasisa. Ganna kudhan darbaniin waan baranne, biyya keenyaaf abdii guddaa dha. Kana caalaa immoo Afrikaa guutuu keessatti jijjiirama fiduuf hojjenna.”
Xumura
Simboonaa Afrikaa Healthcare yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti fakkeenya abdii fi ofdanda’oo ta’e dha. Kalaqa waggaa kudhan irratti hundaa’e kun, bara itti aanutti seenaa jijjiirama tajaajila fayyaa Itoophiyaa keessatti qopheessuuf jira.
Waan haaraa, waan biyya keessatti dhalate, waan lubbuu baraaru — Simboonaa maqaa isaa haala nama boonsuun galmeesseera.
Kan barreessaa Milkii Tech irraa; qophiin kun seenaa dhugaa fi fakkeenya abdii dargaggootaa ti.

Post a Comment