Ertiraa waliin yoo lolli ka’e waan ta’uuf deemu ifadha — Ministira Muummee Abiy Ahimad
Ministira Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad, yeroo dhimmoota ulaa Galaana Diimaa fi hariiroo Itoophiyaa fi Ertiraa irratti paarlaamaatti ibsa kennanitti, “yoo waraanni ka’e waan ta’uuf deemu ifadha” jechuun akeekkachiisaniiru.
Waraanni yoo ka’e...
Dr. Abiy yeroo waa’ee humna waraanaa Itoophiyaa ibsan, “ humni qabnu amansiisaadha, eenyuyyuu nu hin dhaabsisu ” jedhaniiru.
Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu barbaaddi — kunis waan “ hin hafne ” ta’uu ibsanii, hawaasa idil-addunyaa jaarsummaan furmaata akka fidu gaafatan.
“Dhugaan yoo hin mirkanoofne, waraanni uumamuu danda’a”
Ministirichi, waraanni hin jiru jechuun “ sagaleen dhukaasaa hin dhagahamu jechuu miti ” jedhaniiru.
“Haqni dhugaa yoo hin mirkanoofne, yeroo kamuu waraanni uumamuu danda’a ,” jedhaniin.
Mootummaan isaanii dhimma ulaa Galaana Diimaa seera, seenaa, teessuma lafaa fi diinagdee waliin walqabata jedhan.
Akkaataan Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabde
Dr. Abiy akka jedhanitti, Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa dhabuu ishee irratti rakkoo seeraa qabdi.
Murteen ulaa galaanaa dhabuu irratti yeroo sana kaabinee mootummaa tureen sirnaan hin murtoofne jechuun ibsan.
“Dhaabbileen murtii keessa hin hirmaanne, karoora seerummaa laaffisee ture ” jedhaniiru.
Dabalataanis, “akka Galaana Diimaa akkamiin dhabne agarsiisu waraqaa tokkollee hin arganne,” jedhaniiru.
Dr. Abiy itti dabaluun, “ Itoophiyaan waggoota 30 ol qabsoo gaggeessiteen ulaa galaanaa dhabde; garuu ulaa sana deebisuuf waggaa 30 hin barbaachisu ,” jedhaniiru.
Filannoo biyyaalessaa yeroo isaa eeggatee adeemsifama
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad, filannoon biyyaalessaa 7ffaa yeroo isaa eeggatee ni adeemsifama jedhaniiru.
“Mootummaan filannoo gaggeessuuf humna guutuu qaba,” jedhaniin, filannichi dimokiraatawaa fi iftoomina qabu akka ta’u cimsanii ibsan.
Akka isaan jedhanitti, “Qaamoleen tokko tokko ‘filannoon hin adeemsifamin haa hafuu, mootummaa ce’umsaa haa ijaaruu’ jedhu — kun abjuudha,” jedhaniiru.
Dr. Abiy, dorgomtoonni hundi qophaa’aa fi qooda fudhannaa akka godhan waamicha dhiyeessan.
Filannicha booda ammoo, “Manni maree bakka bu’oota ummataa yeroo ammaa caalaa sagalee uummata bal’aa ni qabaata” jedhaniiru.
Dhimma nageenyaa fi hidhattoota naannolee
Waliigala irratti, Dr. Abiy dhimma nageenya biyyattii irratti gaaffii miseensota mana maree deebisuun, hidhattoota naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti socho’an “ergamtoota galma hin qabne” jechuun qeeqan.
“Itoophiyaa keessatti ce’umsa aangoo naga qabeessa qofatu barbaachisa,” jedhaniiru.
Akkasumas, biyyoonni tokko tokko rakkoo nageenyaa Itoophiyaa cimsuuf qooda isaanii akka jiran himanii, “ biyyoonni kunneen Itoophiyaa dadhabduu taatee akka jiraattu barbaadu ” jedhaniiru.
Garuu, “ waraanaan nu injifachuu hin danda’an ,” jechuun cimsanii dubbatan.
Dr. Abiy akkasumas, mootummaan isaanii qaamota kara nagaadhaan dhufan waliin mari’achuuf qophiidha jedhaniiru.
“Shanee waliin mari’annee, namoonni nagaan galan jiru; garuu aangoorra hin jiran ,” jedhaniiru.
Hidhattoota naannolee keessa socho’an “Shanee Amaaraa fi Shanee Oromiyaa, jechuun yaamanis, “Ergamtoota galma hin qabne” jechuun ibsan.
Xumura:
Ibsi Ministira Muummee Abiy Ahimad kun, biyyattii keessatti rakkoolee siyaasaa fi nageenyaa turan irratti iftoomina kennuu fi furmaata mariidhaan barbaaduuf yaalii ta’uu agarsiisa. Mootummaan Itoophiyaa, ulaa Galaana Diimaa, filannoo dimokiraatawaa fi nageenya biyya keessaas bifa tasgabbaa’aa ta’een akka itti fufu mul’isa

Post a Comment