Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Guddina Idil-Addunyaa fi Balallii Biyya Keessaa Cimsaa Jira – Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa


Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Guddina Idil-Addunyaa fi Balallii Biyya Keessaa Cimsaa Jira – Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa


Hagayya 25, 2017 (Milkitech) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa guddina idil-addunyaa itti fufee agarsiisuun, balallii biyya keessaa bal’isuuf hojii jabaa hojjechaa akka jiru Ajajaan Olaanaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Itti Aanaan Boordii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, bsaniiru.


Buufanni Xiyyaaraa Yaaballoo , baasii birrii biiliyoona tokkoon ijaaramuun, eebbifamee tajaajila jalqabeera. Buufatichi hojii jalqabuun Yaaballoo fi naannoo isheeef boqonnaa haaraa akka banuu fi carraalee daldalaa, daawwannaa akkasumas invastimantii haaraa akka uumuu Jeneraal Yilmaan ibsaniiru.

Guddinaafi Tarsiimoo Haaraa

Jeneraal Yilmaan akka jedhanitti, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa guddina itti fufinsaan galmeessisaa ture daran jabeessuuf dhimmoota tarsiimoo sadiirratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Isaanis:

1. Humna namaa qopheessuu – Dargaggoota biyya keenyaa akkasumas Afriikaa fi addunyaa biroof leenjii aviyeeshinii kennuun qophaa’aa akka ta’an gochaa jira.

2. Balallii biyya keessaa babal’isu – Torbanitti al sadii Yaaballoo dhaqqabuun, magaalota hedduutti balallii babal’isuun ummataaf tajaajila gahaa kennuu.

3. Dorgommii idil-addunyaa jabeessuu – Buufata xiyyaaraa Bishooftuutti ijaaramuuf jiru guddaa irratti hojjachuun dandeettii addunyaa waliin qindaa’u cimsuuf hojjetamaa jira.

Faayidaa Buufata Xiyyaaraa Haaraa

Hojii raawwachiisaa Olaanaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, Masfin Xaasoo , immoo balalliin Yaaballootti jalqabame misooma naannoo dadammaqsuu, walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimsuu, daldala babal’isuufi invastimantii hedduu harkisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.


Har’a xiyyaarota 30 ol fayyadamuun magaalaa hedduutti balallii biyya keessaa tajaajila kennuun ummataaf carraa imalaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa bal’isuun beekameera.


 Ijaarsa Buufataalee Xiyyaaraa Babal’ataa


Waggoota darban keessa ijaarsi buufataalee xiyyaaraa jaha jalqabameera. Isaan keessaa:


* Naqamtee – Bara 2016 tajaajila jalqabe

* Yaaballoo – Har’a tajaajila jalqabe

* Nagallee Booranaa, Goree Mattuu, Miizaan Amaanii fi Dabramaarqoos – Bara 2018 xumuramanii tajaajila jalqabu.


Akka ibsaniitti, fuulduraattis buufataalee imaltoonni itti qubatan haaromsuun fi babal’isuun itti fufinsaan gaggeeffama.


Buufanni Xiyyaaraa Yaaballoo kun baasii birrii biiliyoona tokko fi waggaa afuriin xumuramuun seenaa haarawa ta’eera.

 Kanaaf, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii biyya keessaa jabeessuufii fi idil-addunyaa keessatti dorgommii isaa itti fufsiisuuf tarkaanfii cimaa fuula duraatti fudhachaa akka jiru ifa taasiseera

Post a Comment

Previous Post Next Post