Koodiiwwan Ittiin Odeeffannoo Bilbila Samsung Keenya Ilaallu
Amma yeroo hedduu rakkoon bilbila keenya irratti mudachuu danda’a. Yeroo sanatti, bilbilli keenya akkamiin akka hojjetu, rakkoo maal akka qabu, akkasumas odeeffannoo bu’uuraa isaa argachuuf koodiiwwan addaa gara Dialer (moosaajii bilbila ittiin bilbillu) irratti fayyadamuun ni danda’ama.
Koodiiwwan armaan gadii kana, bilbila Samsung keessan irratti dial gochuun odeeffannoo bu’uuraa fi to'annoo sooffitweerii fi haardweerii bilbilaa argachuuf gargaara. Kunis yeroo bilbilli keessan rakkoo qabaatu, ykn beeksiisa wantoota keessa jiru barbaaddanitti si fayyada
Hubachiisa: Koodiiwwan kunneen hundi bilbila Samsung mara irratti hojjatuu dhiisuu danda’u. Sababni isaa, Version fi Model bilbila keessanii irratti hundaa'a. Kanaaf, yoo tokko tokko isin irratti hin hojjanne ta’e, hin gaddinaa.
Koodiiwwan Samsung Fayyadamtootni Beeku Qabdan
#06# = Lakkoofsa IEMI bilbila keessanii ilaaluuf.
##4636## = Setting bilbila keessanii ilaaluuf.
#1234# = Odeeffannoo Operating System bilbila keessanii ilaaluuf.
#1472365# = GPS bilbila keessanii hojjechuufi dhiisuu isaa test gochuu.
#3888# = Bluetooth bilbila keessanii hojjechuufi test gochuu.
#0673# = Audio (dhageettii) bilbila keessanii test gochuu.
#44336# = Odeeffannoo sooffitweerii bilbila keessanii ilaaluuf.
#232338# = Wifi MAC Address bilbila keessanii ilaaluuf.
#0808# = USB Setting bilbila keessanii ilaaluuf.
#0842# = Ibsaa (light) fi vibration bilbila keessanii test gochuu.
#0# = Bilbila keessan guutuu guutuutti test gochuu.
#3849# ykn #2562# ykn #3851# ykn #3876# = Bilbila keessan restart gochuu.
#12580369# = Odeeffannoo hardware fi software bilbila keessanii ilaaluuf.
#8377466# = Version hardware fi software bilbila keessanii ilaaluuf.
135# = Lakkoofsa bilbila keessan ilaaluuf.
#0228# = Odeeffannoo battery bilbila keessanii ilaaluuf.
Xumura irratti...
Koodiiwwan armaan olii fayyadamuu keessaniin, bilbila Samsung keessan irratti odeeffannoo barbaaddan salphatti argachuu dandeessu. Haa ta’u malee, koodii kamiyyuu fayyadamuun dura hubannoo gahaa qabaachuun barbaachisaa dha. Koodii dogoggoraan fayyadamuun rakkoo fiduu danda’a. Kanaaf, beekumsa gahaa fi ofeeggannoo fayyadamaa!
Milkii fi Odeeffannoo dabalataa argachuuf, marsariitii keenya 'Milkii News' hordofaa!

Post a Comment