Google: Balaan Kirkira Lafaa Turkiyaa Mudate Yeroo Sirrii Akeekkachiisuu Dadhabneerra
Kompaniin teeknooloojii guddaan Google, yeroo balaa kirkira lafaa bara 2023 keessa Turkiyaa Kibba-Bahaa mudate, uummata akeekkachiisuuf hanqina akka ture amaneera. Balaa kanaan namoonni miiliyoona 10 ol jiran saffisaan akeekkachiisa Google irraa argachuu qabu turan, garuu odeeffannoon haalaan gahaa fi yeroo irratti bu’uura hin turre jedha gabaasni haaraan.
Ergaan Saffisaa Namoota Hedduuf Hin Gahin
Balaan kirkira lafaa magniitiyuudii 7.8 qabu Guraandhala 6, 2023 mudate, lubbuu namoota kuma 55 caalaa galaafatee, kan biroo kuma dhibba tokkoo ol miidhee ture. Balaan kun gamoo namoonni rafaa turan rukutuun miidhaa guddaa uume.
Yeroo kana keessatti, ergaan akeekkachiisaa "Tarkaanfii Fudhadhaa" jedhu bilbiloota namoota 469 qofarra gahuu danda’e. Namoonni fageenya kiiloo meetira 158 irraa jiran, sekondii 35 dura gara bakka nagaatti socho’uu danda’u turan, garuu akeekkachiisi isaan bira hin geenye.
Sirna Akeekkachiisaa Google irratti Hanqinoonni Mul’atan
Google akka BBCtti himeetti, namoonni miiliyoona walakkaa ta’an akeekkachiisa dadhaboo fi "kirkira lafaa salphaa" jechuun qofa ibsame argatan. Sirni akeekkachiistuu Android Earthquake Alerts (AEA) jedhamu, bilbiloota andirooyidii keessaa sochii lafaa haalaan akka addaan baasuu fi ergaa erguuf oolu ture. Haa ta’u malee, tarkaanfii garaa garaa akka hin fudhanne qorattoonni beeksisaniiru.
Bilbiloonni yeroo "Do Not Disturb" irra jiranuu, ergaan "Tarkaanfii Fudhadhaa" jedhutu gara fuula isaanii dhufeera. Haa ta’u malee, ergaan salphaa "Be Aware" jedhamu garuu mul’achuu dhabuun rakkoo akka ta’e ifa ba’eera.
Dogoggora Algoorizimii fi Qorannoo Booda
Qorattoonni odeeffannoo kana sirnaan sakatta’anii joornaalii saayinsii irratti maxxansaniiru. Akka gabaasni sun addeessutti, Google kirkira lafaa jalqabaa magniitiyuudii 7.8 ture keessaa, gara 4.5 fi 4.9 gidduu tilmaamuun dogoggora guddaa raawwateera.
Ergaan “Take Action” jedhu yeroo sanatti bilbiloota 8,158 qofa irra gahee, “Be Aware” ammoo namoota miiliyoona 4 hin caalle qofaaf ergame.
Booda, Google algoorizimii isaa fooyyessuun, ergaa "Take Action" jedhu namoota miiliyoona 10 ol ta’an irra geessuuf karoorfatee ture. Akkasumas ergaa "Be Aware" jedhu namoota miiliyoona 67 oliif qopheesse.
Dhumarratti...
Dhugumatti, akeekkachiisi yeroo balaa booda ergamu "Waraabessi darbee sareen dutti" jedhamu fakkaata. Namoonni hedduun balaa keessa turan yeroo dhumaatti ergaa argachuun faayidaa murteessaa irraa hanbifameera. Gama Google'tti, sirni isaa fooyya'aa fi haala yeroo irratti hundaa’uun gahee isaa akka milkaa’inaan bahu kan eegamu ta'uu eerameera.
Milkii Tech irraa — Odeeffannoo Teknoolojii Afaan Oromootiin!

Post a Comment