Abdii Qophee – Gooticha Aartii Oromoo Hin Dhangalaane
Waa’ee Dhalootaa fi Maqaa:
Abdii Qophee maqaa beekkamaa Oromoo keessaa isa tokko. Bara 1939, Oromiyaa Bahaa – Harargee Aanaa Dadar magaala soqaa keessatti dhalate kan guddate yoo ta'u. Maqaan isaa dhugaa Abdulwahab Mahammad Yusuf ture, garuu yeroo barnoota seenaa Yuunivarsiitii Finfinneetti barachaa turetti maqaa 'Abdii' jedhamu itti moggaafame. "Qophee" immoo maqaa uummanni itti kenne – sababni isaas qophiilee afaan Oromootiin taasisaa tureen uummanni jaalalaan maqaa kana itti kenne.
Barnoota fi Fincila Dargagummaa:
Yeroo waggaa lammaffaa Yunivarsiitii Finfinnee barachaa jiru, fincila mootummaan Haayile Sillaasee irratti taasifame hirmaachuu isaatiin ari’ame. Garuu kana booda hin duubatti deebine. Akka nama miidiyaa, barreessaa, fi artistii ta’een gara raadiyoo Hararitti Abdii fi Abubakar Muusaa waliin hojii jalqaban. Qophiilee afaan Oromootiin taasisaa turan keessatti maqaan Abdii "Qophee" jedhamu dafee babal’ate. Qophiileen kunneen yeroo sanitti akka qilleensa qabbanaa’aa ture, sababa Oromoon afaan isaatiin dhaggeeffachuun isaaf haaraa fi abdii ta’eef.
Hidhaa fi Gidiraa:
Yeroo mootummaan Dargii itti dhufes Abdii hidhamee dararama hamaa keessa darbe. Garuu yoo hidhaa bahe, halkaniifi guyyaa gara mana isaatti deebi’ee walaloo, sirbaa fi yaada uummataaf gumaachuu itti fufe. Sirboonni isaa hedduun gara garaa dha – fkn:
“Hireen tiyya jalloon waanahuudessittee kararratti buutee… guyyaa tokko hin qajeeltu.”
“Hireekoo naaf caalti, Ziqiyaa jedhee of jabeessa.”
Abdii – Artistii Cimaan:
Abdii Qophee barreessaa, walaleessaa, taphataa meeshaa muuziqaa, qorataa seenaa Oromoo fi mul’isaa eenyummaa Oromoo ture. Walaloon isaa afaan salphaan hin xumuramu; falaasama, siyaasaa, duudhaa fi jireenya Oromoo of keessaa qaba.
Sirboonni isaa jaalalaan jalqabamu – garuu falaasama keessatti xiinxala cimaa qabu. Fakkeenyaaf:
"Jaalalli mootii mataa isii qabdi, heeraafi seera namaati bultu na harka baatee dhoyfachuu taati…”
Akkasumas yeroo rakkoo, namoota si wajjin nyaatan garuu rakkoo keessa si gatan, akkana jedhee ibsa:
“Namni yeroo harkaa qabu waliin nyaata, yeroo rakkoo garagalee si gataa…”
Gumaacha Abdii Qophee Sirboota fi Weellistoota Garaagaraatiif:
Abdii Qophee keessaa waan nama ajaayibsuu tokko – hojii isaa artistoota hedduuf kennuu fi utuu hin beeksisin aarsaa ofii gumaachuu isaati. Namoota hedduuf sirba barreesse, garuu maqaan isaa hin dubbatamu. Mee muraasa keessaa:
Kadir Se’id: Kaaseetota 10 irratti walaloo sirbaa barreesseef.
Abbitoo Kabbaadaa: Kaaseeta guutuu Abdii irraa fudhate.
Raayyaa Abbaa Maccaa: Sirba "Namni dhugaadhaa kami akeekkadhu naa himi".
Aalmaaz Tafarraa: Kaaseeta 10 keessaa 9 irratti Abdii barreesse.
Halloo Daawwee: "Abdii Qophee utubaa baandii keenya ture" jette.
Usmaayoo Muusaa: Hidhaa bahee booda, kaaseeta guutuu isaaf barreesse.
Qamar Yuusuf: Sirba “Finfinnee Yaa Finfinnee” barreesseef.
Alii Shabboo, Aadam Haruun, Ahmad Kabiiraa, Alii Birraa, Hirphaa Gaanfurree, Eebbisaa Addunyaa… fi kanneen biroos walaloo irraa argatan.
Jireenya Itti Aanan:
Yeroo Finfinnee keessa qubataa ture, mana xiqqoo keessatti artistoota heddu dawoo godhee hojii isaanii cimsuuf gumaachaa ture. Waan hedduu gumaachee iyyuu, maqaan isaa caalaa hin dubbatamne.
Magaalaa Finfinnee – Ganda Rufaa’el keessatti, artistoota akka Hirphaa Gaanfurree, Daawit Mokkonen, Sittinaa Abbaa Duulaa fi kaan waliin yaada tokkoomsaa ture. Koree qopheessuu fi buusii mataa isaa qopheessuun artistoota cimsuuf carraaqqii taasisaa ture.
Jechaa Abdii Nama Boochisu:
"An biyya koo yaade, Oromiyaan yaade. Oromiyaan Oromootiif qofa. An dugda Oromootiin ijoollee kiyyaaf qota; isaan asheeta nyaatu…”
Yeroo biyya Jarman deemees “Biyyattiin yoo hayyuu dhabde, biyya doofaa taati!” jechuun warra biyya keessa hafaniif yaada laataa ture.
Xumura Yaadannoo:
Abdii Qophee – maqaa sirbaa qofa osoo hin taane, maqaa Oromoo sabni itti boonuudha. Seenaa barreesse, seenaa gabbisee, fi seenaa Oromoo dhaaba isaa dhabe kana keessatti ofii isaa moggaasee darbuudhaan, akka qilleensa kan aartii keenya, garaa keenya guutee darbe.
Mee haa yaadannu, haa leellifnu, haa barannu! Abdii Qophee – Eenyummaa Oromoo
Madda Odeeffannoo:
– Aadde Kimiyaa Mahammad (haadha manaa Abdii Qophee)
– Jafar Mohammed Yusuf (obboleessa)
– Hojjattoota Raadiyoo Itoophiyaa – Damee Harar
– Gaaffiif deebiiwwan weellistootaaf kennaman

Post a Comment