Top News

Siidaan Yaadannoo Artist Hacaaluu Hundeessaa Ambootti Eebbifame


Siidaan Yaadannoo Artist Hacaaluu Hundeessaa Ambootti Eebbifame

Siidaan Yaadannoo Artist Hacaaluu Hundeessaa Ambootti Eebbifame

Amboo | Waxabajjii 29, 2025

 mirga dhala namaa, artistii Oromoo beekkamaa Hacaaluu Hundeessaa, bakka kabajamaa ta’een eebbifamee jira.

Sirni eebba siidaa kanaa bakka Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Kantiibaa Magaalaa Amboo Obbo Acaaluu Gammachuu, haadha warraa artistichaa Aadde Faantuu Damissoo fi keessummoota kabajamoo hedduun hirmaatanitti gaggeeffamee ture.

Kantiibaan magaalichaa, Obbo Acaaluu Gammachuu, haasawaa isaanii keessatti “Amboo bakka gootowwan dhalan keessaa isa tokko. Amma immoo gooticha keenya, Hacaaluu Hundeessaa, yaadachuuf siidaa kana ijaarranne. Kun dhaloonni har’aa fi boruu gochaa fi fakkeenya isaa irraa haa baratu jechuudha,” jedhaniiru.

Kana malees, siidaan yaadannoo kun aartii fi seenaa Hacaaluu calaqqisiisuudhaan, Amboo akka giddugala aadaa, seenaa fi tuurizimii taatuuf bu’uura jabaa akka uumuuf shoora olaanaa qabaachuuf karoorfamee ijaarrameera.

Eenyudha Hacaaluu Hundeessaa?


Hacaaluu Hundeessaa artistii Oromoo sirboota seenaa fi aartii qabuun beekamtu dha. Gooticha kana sirboonni isaa “Maalan Jira?”, “Jirra”, “Oromiyaa” laan galoo too . Essaa Essaa jirtaa fi kanneen biroo miira saba isaa ibsuun akkaan jaalataman.

Garuu, Waxabajjii 29 bara 2020, galgala sa’aa 3:30 irratti, magaalaa Finfinnee, iddoo Kondominiyemii Galaan jedhamutti, Hacaaluun rasaasaan rukutamee lubbuun isaa darbe. Wareegama inni kafale har’a siidaa fi kabajaa bara-baraa ta’een yaadatamaa jira.

 Yaadannoo Bara-baraa

Siidaan eebbifame kun mallattoo gootummaa fi aartii bilisummaa ta’ee, akka dhaloonni Oromoo fi Itiyoophiyaa marti irraa baratu taasifameera. Seenaa Hacaaluu, yaadannoo keessatti jiraataa fi dhaloota hundaaf fakkeenya ta’a. Yoomiyyuu Oromoon sii Yaadata 

 Barreessaan: Akiil Shafi Awel
MilkiTech | Odeeffannoo Haarawa fi Seena Qabuu, Afaan Oromootiin


Post a Comment

Previous Post Next Post